Creation Science Information & Links!
Gooftaa Yesuus Kiristoos · Maatewoosi 6
Lord Jesus Christ · Matthew 6

   "1 Akka isaan isin arganiif jettanii 'hujii qajeelummaa' keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjanneef of eegadhaa; Yoo akkasi gootan Abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii. 2 Kanaaf ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana magalataant hin labsatin; Ani dhuguman isinitti hima; Isaan gatii isaanii argataniiru. 3 Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee kan mirgaa godhu, harki kee kan bitaa hin beekin. 4 Kunis akka kennaan kee dhossaan ta'uuf; Abbaan kee inni waan dhossaadhaan hojjatamu argu sun muldhinnaan gatii sii kenna. 5 Isin yommuu Waaqa kadhattan akka fakkeessitootaa hin ta'inaa. Isaani namaatti muldhachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi qarqara karaa dhaabatanii Waaqa kadhachuu jaalatuutii. Dhuguman isinitti hima. Isaan gatii isaanii argataniiru. 6 Ati garuu yeroo Waaqa kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhu; Abbaa kee isa bakkau dhossaa jiru sana kadhadhu; Abbaan kee inni waan dhossaadhaan hojjatamu argu sun muldhiinnaan gatii sii kenna. 7 Isinis yommuu Waaqa kadhattan akka namoota ormaa dubbii faayidaa hinqabne irra hin deddeebi'inaa. Isaan baayinna dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhaga'amu se'u. 8 Abbaani keessan otuma isin hin kadhatiniyyuu waan isin barbaachisu waan beekuuf isin akka isaanii hin ta'inaa."  Maatewoos 6:1-8

   "Egaa akkana jedhaa kadhadhaa:   ' Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu; Maqaani kee haa qulqullaa'uu;   Mootummaani kee haa dhufuu; Fedhiini kee akkuma samii irratti ta'e sana Lafa irrattis haa ta’uu.   Soora keenna kan guyyuma guyyaan nu barbaachisu hardha nu kenni.   Akkuma nu warra hammeenna nutti hojjataniif dhiifnuv Atis hammeenna keenya nuu dhiisi.   Isa hamaa irraa nu oolchi malee Qoramatti nu hin galchin; mootummaani, humni, ulfinnis barabaraan kan keeti; aamiin.' "   Maatewoos 6:9-13

   "14 Yoo isin namootaaf yakka isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif ni dhiisaatii. 15 Yoo isin namootaaf yakka isaanii dhiisuu baattan garuu Abbaan keessanis akkasuma yakka keessan isiniif hin dhiisu. 16 Isin yommuu soomtanitti akka fakkeessitootaa fuula hin dukkaneeffatinaa; Isaan akka soomuutti jiran agarsiifachuuf jedhanii fuula isaanii hammeessuw. Dhuguman isinitti hima; Isaan gatii isaanii argataniiru. 17 Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; Fuula kees dhiqadhu. 18 Kunis akka soomuu kee sana Abbaa kee isa namatti hin muldhanne malee namni hin beenneefiidha. Abbaan kee inni waan dhossaadhaan hojjatamu argu gatii kee sii baasa. 19 Isin bakka itti daanawoo fi biliinx balleessituu fi bakka itti hattuun cabsitee saamtu lafa irratti badhaadhummaa ufii keessaniif hin kuufatinaa. 20 Garuu bakka itti daanooni nyaattee hin balleessinee fi bakka itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ufii keessaniif kuufadhaa. 21Bakkuma badhaadhummaan kee jiru sana garaani kee jiraatii. 22 Ibsaani nafaa Ija;y Iji kee fayyaa taanaan, nafni kee guutuun ifa qaba. 23 Yoo Iji kee fayyaa hin ta'in garuu, nafni kee guutuuni ni dukkanaa'a; Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaa'ee, dukkanni sun hagam haa jabaatuu ree! 24 Namni gooftaa lama tajaajiluuz danda'u tokkolleeni hin jiru; Gooftaa isa tokko jibbee isa kaan jaalataatii; yookaan isa tokko kabajeea isa kaan immoo tuffata. Isinis akkasuma Waaqaa fi maallaqab tajaajiluu hin dandeessan. 25 Kanaaf ani isinittin hima; 'Maal nyaanna yookiin maal dhunna?' jettanii waayee jireenya keessanii hin yaadda'inaa; Yookiin 'maal uffanna?' jettanii waayee nafa keessanii hin yaadda'inaa. Jireenni nyaata hin caaluu? nafnis uffata hin caaluu? 26 Mee simbirrootac qilleensa irraa ilaalaa! isaan hin facaasan yookaan hin haaman yookaan gootaraattid hin galchan; Ta'us Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaatti gatii guddaa qabduu mitii? 27 Namni Yaadda'uudhaan bara jireenya isaa irratti sa'aatii tokkollee ida'achuu danda'u isin keessaa eenyu? 28 Isin maaliif waayee uffataa yaaddoftu? Daraarawwan bakkeee akkamitti akka guddatan mee ilaalaa! isaan waa tokkollee hin hojjatan; Hin foo'anis. 29 Ani garuu isinittin hima; Solomooniyyuu ulfinna isaa hunda keessatti akka tokkoo isaaniittillee hin uffanne. 30 Isin yaa warra amantiif diqqoonana! Waaqayyo ergaa margag bakkee kan hardha jiruu fi kan borimmoo ibiddatti naqamuttiyyuu akkasitti uwwisee isinittimmoo guddaa caalchisee hin uwwisuu ree? 31 Kanaaf, 'maal nyaanna?' Yookiin 'maal dhunna?' Yookiin 'maal uffanna?' jettanii hin yaadda'inaa. 32 Kana cufa namoonni ormaayyuu ni barbaadu; Abbaani keessan inni samii irraa, akka wonni kun martinuu isin barbaachisu beeka. 33 Garuu duraan dursaatii mootummaa fi qajeelummaa Waaqayyoo barbaadaa: Wonni kun martinuu isinii kennamaatii. 34 Kanaaf waayee boriitiif hin yaadda'inaa: Bori ofii isaatiif ni yaadda'aatii. Rakkinni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni ga'a."   Maatewoos 6:14-34


Gooftaa Yesuus Kiristoos · Maatewoos 6
http://www.creationism.org/oromo/salvJesusMatt6_om.htm



Main:  Oromo
www.creationism.org